Marid Nugusee Tulluu Yunivarsitii Saayinsiifi Teknolojii Finfinneetti barsiisaa ‘Software Engneering’ ta’ee tajaajilaa jira. Digrii tokkoffaa Yunivarsitii Jimmaarraa bara 2005 Saayinsii Komputaraatiin, digirii lammaffaa ammoo Raashiyaa, Magaalaa Moskoo, Yunivarsitii ‘National Science and Technology’ irraa bara 2010 Saayinsii Komputaraafi Injineeriingiidhaan eebbifame.

Yunivarsitii Bulee Horaatii barsiisaa kan ture yoo ta’u, yeroo ammaa Yunivarsitii Saayinsiifi Teknolojii Finfinneetti jijjiiramee  hojjechaa jiraachuu dubbata; gaafdeebii Roobii darbe Gaazexaa Bariisaa waliin taasiseen.

‘Software Engneering’n muummee akaakuu barnootaa Injineeriingii keessatti haalaafi amala ‘software’n ittiin hojjetamuufi to’atamu kan qoratuudha. Ani dhuunfaadhaan ‘software’ baay’ee hojjedheera. Akkasumas qorannoowwaniifi pirojektoota gara garaa hojjechaan jira. Pirojektotan yeroo ammaa irratti hojjechaa jiru keessaa tokko ‘E-learning’dha.

‘E-learning’n sirna baruufi barsiisuu daree keessaafi dareedhaan alatti bifa dijitaala ta’een qophaa’ee kennamuudha. Sirni baruufi barsiisuu kun kan kennamu meeshaalee elektironiksii kanneen akka Komputaraa, Taabileetii, ‘Smart phone’fi qunnamtii Intarneetii fayyadamuudhaan yoo ta’u, kitaaboleen, ‘Handout’fi ‘Assignment’n bifa dijitaalaatiin qophaa’anii barattootaaf ergamu.

Sirni barnootaa kun barataafi barsiisaan daree  keessatti utuu wal hin argin hojiin baruufi barsiisuu akka geggeefamu waan dandeessisuuf keessumaa yeroo barattoonni sababa weerara vaayirasii koronaatiin manatti deebi’anii jiran kanatti faayidaa guddaa kan qabu ta’uu dubbata.

Barsiisotni karaa ‘E-learning’ barattootasaanii dareedhaan ala bakka adda addaa jiran barsiisuu ni danda’u. Barattoonnis utuu barsiisaa waliin daree keessatti wal hin argin bakkuma jiran taa’anii barumsa isaanii karaa ‘E-larning’ hordofuu danda’u.  Sirni baruufi barsiisuu kun barsiisaafi barataan utuu daree keessatti utuu wal hin argin hojiin baruu barsiisuu akka adeemsifamu taasisuurra darbee yeroofi baasii ni qusata. Byyootni addunyaa kanneen akka Amerkaa, Indiyaa, Chaayinaafi Kooriyaa Kibbaa bal’inaan ‘E-learning’ fayyadamaa jiru. Itoophiyaattis jalqabbiin gama kanaan jiru gaarii ta’us haala qindoomina qabuufi waalta’een fayyadamuu irratti hanqina qaba.

Related stories   Piroofeesar Maraara Guddinnaa: 'Marichi akka nama quubsutti hin deemne'

Yeroo ammaa yunivarsitoonni biyyattii hedduun ‘E-learning’ fayyadamaa kan jiran ta’us haala itti fayyadamiinsaafi hunda bira ga’uu irratti hanqinni ni jira. Hojiin gama kanaan manneen barnootaa idileefi BLTO keessatti hojjetamaa jirus gahaa miti jedha barsiisaa Marid.

Itoophiyaatti aadaan ‘E-learning’ fayyadamuu sirriitti hinbaratamne. Hubannoofi fedhiin ‘E-learning’n barachuus laafaadha. Utuu aadaan haala kanaan barachuu guddatee barattoonni bakkuma jiran taa’anii barachuun ni danda’ama.

Kanaafis fedhiin gama barataafi barsiisaatiin jiraachuu qaba. Weerara vaayirasii koronaan dura investimantiin ‘E-learning’ akka addunyaatti dolara biliyoona 18.6 ture.

Weeraricha booda ammoo gabaan ‘E-learning’ sirriitti ho’e. Biyyootni guddatanis ta’e guddinarra jiran hedduun ‘E-learning’ fayyadamuun dirqama ta’uu amananii imaammataafi tarsiimoo baasanii hojiirra oolchaa jiru. Addunyaa irraa yeroo ammaa barattoota biliyoona 1.2 ta’antu barumsasaanii karaa ‘Elearning’ barumsasaanii akka hordofan taasifamaa jiraachuus eereera.

Weerarri vaayirasii koronaa utuu jiruu karaa ‘E-learning’ hojii baruufi barsiisuu itti fufsiisuun ni danda’ama kan jedhu barsiisaa Marid, kana dhugoomsuuf tarsiimoon mootummaa, kutannoon barsiisotaa, fedhiin barataafi tumsi Itiyoo-Telekoom murteessaadha.

Barattoonni karaa ‘E-learning’ barumsasaanii akka hordofaniif ammoo meeshaalee elektironiksii kanneen akka Laptooppii, komputara, taabileetii, ‘Smart Phone’fi intarneetii isaan barbaachisa.

Gatiin intarneetii qaalii ta’uun, hanqinni meeshaalee elektironiksii, ibsaan addaan ciccituun, aadaan haala kanaan barachuu laafaa ta’uun rakkoolee gurguddoo kanneen barumsa elektironiksii danqaniidha. Inni barates ta’e hinbaranne ittifayyadama meeshaalee elektironiksii irratti hanqina kan qaban ta’uu dubbata barsiisaa Marid.

Itoophiyaatti utuu weerarri vaayirasii koronaa hindhufiniyyuu yunivarsitiiwwan biyyattii keessatti hojiirra oolchuuf yaaliiwwan adda addaa taasifamaa turaniiru. Barumsi dhaabbilee barnoota olaanaa keessatti karaa ‘E-learninig’ kennamaa ture garuu qindaa’aafi waalta’aa hinturre.

Erga weerarri vaayirasichaa dhufee as garuu sadarkaa biyyatti ‘Marsariitiin Mana Kitaabaa Dijitaalii Biyyaalessaa (National Digital Library Website) qophaa’ee yunivarsitiiwwan hundi akka itti fayyadaman taasifamaa jira. Manneen barnootaa kutaa 1faa hanga 12fatti jiran garuu itti fayyadama ‘E-learning’ irratti hanqinni guddaan kan mul’atu ta’uu hima.

Related stories   ኦነግ ዳውድ ኢብሳ ከትህነግ ጋር በጎን የመሰረቱት ግንኙነት የኦሮሞን ሕዝብ አሳዝኗል አለ፤ እንዳሰናበታቸው አስታወቀ

Sektaroota sababa weerara vaayirasii koronaatiin daran miidhaman keessaa sektarri barnootaa adda durummaadhaan eerama. Weerarri vaayirasichaa Fulbaana dhufutti badee barumsi idilee itti fufa jedhanii yaaduu ykn tilmaamuun rakkisaadha.

Kanaafuu carraa guddaan hojii baruu barsiisuu itti fufsiisuuf qabnu tekinolojii ‘E-learning’tti fayyadamuu, babal’isuufi rakkoolee gama kanaan mudatan furaa deemuudha. Akkasumas tajaajila interneetii babal’isuu, meeshaalee dijitaalaa barumsa elektironiksiif barbaachisan guuttachuuf qophii barbaachisu taasisuu qabana. Sagantaalee barnoota raadiyoofi televiizhinii  sadarkaa naannoleefi biyyaatti kennamanis qindeessanii sirreessuun barbaachisaa ta’uu eera.

Barattoonni baadiyyaa sababa hanqina bu’uraalee misoomaa kanneen akka ibsaafi interneetii irraa kan ka’e barumsa isaanii ‘E-learning’ hordofuuf ni rakkatu.

Ibsaan addaan ciccituufi tajaajilli interneetii harkifachuufi gatiin isaa qaala’uun rakkoolee baranoota ‘E-learning’n kennamu irratti dhiibbaa geessisan waan ta’aniif rakkoolee kunneen furuu irratti xiyyeeffatamee hojjetamuu qaba. Gatiin tajaajila internetiis qaalii waan ta’eef gatiisaa madaalawaa taasisuunis dhimma xiyyeeffannaan irratti hojjetamuu qabu ta’uu akka qabu dubbata.

Barattoonnis maateeriyaalii isaaniif ergaman sirriitti dubbisuufi ‘Assignment’  isaaniif kenname yeroon hojjetanii barsiisaa isaanii galchuu qabu. Sababa weerara vaayirasii koronaatiin baratoonniifi barsiisonni daree keessatti wal arguu baatanis barumsi addaan cituu hinqabu.

Kanaafuu barattoonni, barsiisonni, maatiin barattootaafi qaamoleen dhimmichi ilaallatu qindoominaan hojjechuutu isaan irraa eegama jedha barsiisaan kun.

Itoophiyaan barumsa saayinsii kompitaraatiin duubatti hafteetti. Kanaafuu hojiin barattoonni kutaa gara gadii irraa kaasanii saayinsii kompitaraa akka baratan taasisuuf hojjetamaa jiru cimee itti fufuu qaba. Yeroodhaan booda barattoonni keenya barumsa kompitaraa hinqaban yoo ta’e taphaan ala ta’u.

Kanaafuu barumsi saayinsii kompitaraafi ‘Software Engineering’ kutaa mana barumsaa sadarkaa tokkoffaa irraa eegalee barattootaaf kennamuu qaba jedha.

Marid barsiisummaadhaan muuxannoo hojii waggaa torbaa kan qabu yoo ta’u,  dorgommii biyyaalessaa bara 2006 Yunivarsitii Finfinneetti gama ‘ICT Centre of Excellence’ irratti hirmaachuudhaan namoota 497 keessa sadaffaa ba’eera. Yeroo ammaa Kampaanii ‘Net computing ICT Solutions PLC’ jedhamu sochoosaa jira. Yunivarsitii Saayinsiifi Tekinolojii Finfinneetti barsiisummaan ala hojii pirojektiifi qorannoo irratti hirmaatee hojjechaa jira.

Related stories   Piroofeesar Maraara Guddinnaa: 'Marichi akka nama quubsutti hin deemne'

Abduu Uggayyoo Godina Booranaa, Magaalaa Yaa’abal’oo, mana barumsaa qophaa’inaa Yaa’abal’aatti barataa saayisii hawaasummaa kutaa 12fati. Dhiyeenya kana yaada Gaazexaa bariisaatiif kenneen akka jedhutti, barattoonni mana barumsichaa harki caalaan baadiyyaa waan jiraataniif carraa ‘handout’ qophaa’an argachuus ta’e sagantaa barnootaa raadiyoofi televiizhiniidhaan darbu hordofuu hinqaban.

Barattoonni magaalaa Yaa’abal’oo jiranis sababa ibsaan irra deddeebiidhaan baduuf ykn addaan cituuf sagantaa barnootaa raadiyoofi televiizhiniidhaan tamsa’u sirriitti hordofuu hindanda’an kan jedhu barataan kun, interneetiin halkan sa’aatii 6:00 booda malee hindhufu. Kanaafuu barattoonni carraa naannawaa sanaa carraa interneetiitti fayyadamuun odeeffannoowwan gara garaa argachuu kan hinqabne ta’uu dubbata.

Natsaannat Taaddasaatiin

EPA

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *