አቶ ዳውድ ኢብሳ ከድርጅቱ እውቅና ውጪ የኦሮሞን ህዝብ ሲወጉ፣ ሲገሉ እንዲሁም ሲያሰቃዩ ሲገሉ ከነበሩ ክፍሎች / ትህነግ/ ጋር የጎንዮሽ ግንኙነት ሲያደርጉ መቆየታቸው የኦሮሞን ህዝብ እንዳስቀየመ ኦነግ አስታወቀ።  በአደራ ለስድስት ወር የተሰጣቸውን ጊዜ በአግባቡ ከመጠቀም ይልቅ ላለፉት ሃያ ሶስት ዓመታት ድርጅቱን ከማይወጣው ቀውስ ውስጥ እንደከተቱ ጠቅሶ ድርጅቱ እዳሰናበታቸው ይፋ አደረገ።

ዳውድ ኢብሳ ስልጣን ከያዙ በሁዋላ ሶስት የድርጅቱ አንኳር ሃይሎች ተለይተው እንዲወጡ ምክንያት መሆናቸው በአሉታዊ መልኩ ታይቶ ለድርጅቱ ” እውር መሆን” እንደ ዋና ምክንያት በመግለጫው ተመልክቷል። እነ አቶ ሌንጮ፣ እነ አቶ ገላሳ ዲልቦ፣ እነ ጀነራል ከማል ገልቹ ድርጅቱን ሲለዩ ዋና ዋና የሚባሉትን መስራቾች ይዘው በመውጣታቸው ድርጅቱ ከቀን ወደ ቀን እየተንኮታኮተ ሄዷል።

ኦነግን ለሁለት አስርት ዓመታት ሲመሩ የነበሩት ዳውድ ኢብሳ የወቅቱ ስራ አስፈሳሚ በአደራ ለስድስት ወር በሰጣቸው ጊዜያዊ ሃላፊነት መሰረት አስፈላጊውን ስብሰባ አካሂደው ድርጅቱ ከገባበት ቀውስ ከማላቀቅ ይልቅ ኤርትራ ውስጥ ከትመው ይህ ነው የማይባል በደል ሲፈጽሙ እንደኖሩ በተደጋጋሚ ሲገለጽ ነበር። በርካታ ወንጀሎች እንደተፈጸመም ሰላባ ነን ያሉ ሲናገሩ ቆይተዋል።

ከሁሉም በላይ ግን በመግለጫው ከተጠቀሰው ሃሳብ ሰፊ መነጋገሪያ የሆነው ዳውድ ኢብሳ አዲስ አበባ ከገቡ በሁዋላ ጀመሩት የተባለው የጎንዮሽ ግንኙነት ነው። ቃል በቃል አይጠቅስ እንጂ መግለጫው የኦሮሞን ሕዝብና ኦነግን ሲወጉ፣ ሲያሰቃዩ፣ ሲያስሩና ሲገሉ ከነበሩ ወገኖች ጋር አቶ ዳውድ ከስራ አስፈጻሚውም ሆን ከድርጅቱ መርህ ውጪ ግንኙነት መፈጠራቸው ተወግዟል። አቶ ዳውድ ህትህነግ ጋር መገናነታቸውን ስም ጠቅሶ ባይኮንንም መግለቻው ይህ የአቶ ዳውድ ተግባር የኦሮሞን ህዝብ አሳዝኗል። አንገትም አስደፍቷል።

Ethiopia24 News on Twitter: "TPLF's mastermind, Aboy Sebhat Nega, welcomes OLF soldiers and holds OLF flag in Mekelle, Tigray. #Ethiopia #Oromia… "

ኦነግ በአሁኑ ሰዓት በምክትል ሊቀመንበሩ እየተመራ ሲሆን ከወር በፊት እሳቸው ባሉበት ድርጅቱ በሂልተን ሆቴል በሰጠው መግለጫ የተበታተነውን ሃይል ወደ አንድ ማሰባሰብ ቀዳሚ አጀንዳው እንደሆነ ይፋ አድርጎ ነበር። ዛሬም በመግለጫው ይህ ተገልጿል። በወቅቱ ከሰላማዊ ትግል ውጪ ሌላውን መንገድ እንደማይከተሉና እንዲህ ያለው አካሄድ እንደሚቆም ተመልክቶ ነበር።

የአቶ ዳውድ ኢብሳን መነሳት ተከትሎ የኦነግ ሸኔ ድጋፍ ሰጪዎች ተቃውሞ ማሰማታቸው አቶ ዳውድ ብረት አንስቶ ጫካ ከመሸገው ሃይልና ይህንን ሃይል በግንባር ከሚደግፈው ትህነግ ጋር አላቸው የሚባለውን ግንኙነትና የስራ አንድነት የሚያረጋግጥ እንደሆነ ትችት እየተሰነዘረ ነው። ሙሉ መግለጫ ከዚህ የሚከተለው ነው

ADDA BILISUMMAA OROMOO                    

OROMO LIBERATION FRONT                                                        

Fulbaana 10, 2020

Qabsoon Adda Bilisummaa Oromoo Dandamachiisuu, Cimsuu, hirmaachisaa fi Dimokraatawaataasisuufjalqabame Itti fufa!

(Labsa Adda Bilisummaa Oromoo)

Dhaaba siyaasaa tokko dhaaba demokraatawaa kan tasaasiu heera ittiin bulmaataa demokraatawaa, sagantaa xaliila’aa, tarsiimoo qabsoo ifaa fi beekamaa, danbiilee keessaa fi kaayyoo naamusaa ittiin masakamu yoo qabaatee fi sirnaan hojii irra oolche dha.Korri bu’uuressaa Adda Bilisummaa Oromoo Waxabajji 11, bara 1976 keessa taa’e wixinee sagantaa siyaasaa fi heera dhaabichaairratti marihatee raggaafachuun hooggana qabsoo filatee caasaa jaarmayaa sirnaa erga ijaarratee waggaa 44 tahee jira.Haa tahu malee yeroo adda addaatti sirnaa fi naamusa dhaabaa cabanii fi rakkoolee dhaaba keessatti dhalatan sirnaan furmaata itti kennuu hanqachuun  xiiqii fi maal na dhibdeen olola diiggaa dhaaba keessatti oofamuun addaan babahuun waanuma mul’ataa ture dha.  Keessaahuu dhuma bara 1999 irraa eegalee ABO keessatti sabatiinsaa fi nagaan argamee hin beeku. Keessaahaa immoo bara 2000 irraa eegalee hanga har’aa gidduu gadaa hoogganummaa, Daawud Ibsaa jalatti yeroo sadii adda bahiinsi gurguddaan dhaaba keessatti dhalatee jira. Waggoota hogganummaa obbo Daawud Ibsaa jalatti ABO kufaatii hedduutu mudate. Walumaa gala gaaffii namooti baayyeen ABOn maaliif kaayyoo fi ergama isaa sirnaan raawwachuu dadhabe jedhuuf deebii  sirrii kennuun barbaachisaa taha.

Daawud Ibsaa carraa seenaa tahee yeroo calqabaaf bara 1999 Hayyu Durummaa Adda Bilisummaa Oromootti dhufe. Kunis teessuma Kora Sabaairratti utuu hin taane walgahii ariifachiisaa bara1999 haala hatattamaa keessatti Miseensoti Gumii Sabaa muraasi walgahan irratti ture. Teessumi Gumii Sabaa 1999 taa’e waan  inni murteessee ka’ee keessa tokko yeroo ji’a ja’a hin caalle keessatti Kora Sabaa 3ffaan akka waamamu ture. Korri Sabaa ABO 3ffaan ji’a ja’a keessatti taa’ee Hayyu Duree haaraa hanga filatutti kan jedhuun Daawud Ibsaa yeroof akka HDtti kaa’ame.

Haa tahu malee Daawud Ibsaa gaafa hayyu durummaatti dhufee eegalee ofii isaa giddu gala qabsoo Oromoo of taasisuun aangoo ofii jabeeffachuu malee ABO jabeessee qabsoo Oromoo fuul-dura tarkaanfachiisuuf hanga inni hojjete baayyee xiqqaa dha.Korri Sabaa ABO ji’a ja’a keessatti akka waamamu murtaa’ee ture waggaa shaniif lafa irra harkifate. Korri kun harkifachuu fi dhiibbaa yeroo garagaraa irraa irra gahuun  miseensoti buleeyyiin muuxannoo yeroo dheeraa hojii dhaabaa irratti qaban, Daawud Ibsaa mirga miseensotaa sarbeera, sirna jaarmayaa diigeera jechuun cabsatanii jaarmayaa Qaama Cehumsaa ABO utuban. Waldhabbii sababa kanaan dhaaba keessatti dhalateenbara 2001 ABOn hoogganummaa isaa jalatti bakka lamatti baqaqe.

Kora Sabaa 3ffaa booda, ammas bara 2008 miseensoti ciccimoon cabsatanii bahuun Koree Yeroo ABO kan jedhamu ijaaran. Korri Sabaa taa’ee hooggana haaraa filachuu irra Daawud Ibsaa dhaabicha gargar cabsee cabaa tokkotti mataa tahuu filate.

Kana qofa osoo hin taane yaalii  bara ABO yeroo garagaratti fofoxxoqe walitti deebisuuf miseensota buleeyyii fi bu’uuressitoota Adda Bilisummaa Oromoon taasifame akka hin milkoofne kan taasisan obbo Daawud Ibsaa turan. Hoogganootaa fi miseensota araaraa fi tokkummaa dhaabaa deggeran hedduu  maqaa“diina keesaa” jechuun farajanii dhiibamanii dhaaba keessaa akka bahan taasifaman. Akka kanaan miseensoti jajjaboon muuyxananoo bara dheeraa qaban dhaaba keessaa bahanii jaarmayaa Adda Dimokraatawaa Oromoo jedhu oggaa gurmeessanABOn yeroo sadaffaaf qoqqoodame. Adda babahiinsa duraan turanii fi kan booda irraan wal qabatee  walumaa gala dhaabicha irra miidhaa guddaatu dhaqqabe. Korri Sabaa akka heera ABOtti  silaa deebi’ee waggaa 4tti waamamu gadaa isaa irra dabaree osoo  hin waamamin hafee Daawud seeraa ala waggoota 9iif aangoo ofii dheerefate. Akka kanaan korri Sabaa akka heeraatti bara 2008 taha jedhamee eegamaa ture hanga bara 2017 akka turu taasifamuun obbo Daawud Ibsaa heera dhaabaa cabsuun waggoota 13iif osoo korri hin taahin  aangoo ofii dheereffate.

Related stories   ዶክተር ዐቢይ እና “አብዮታዊ” ለውጡ - ዳኛቸው አሰፋ (ዶ/ር)

Korri Sabaa4ffaan (booda  namooti Kora Sobaa jedhanii mooggasan) waggoota dheeraa booda bara 2017 ammas Eritraa keessatti taahe.  Daawud Ibsaa waggoota 18 aangoo irra erga turee booda  ammasheera ABO kan HD yeroo lamaa ol walitti aansee filamuu hin dandahu jedhu jijjirsisee koree filchiiftuu  namoota isaaf amanamoo  ofii tolfateen deebi’ee akka filamu taasifame. Namni kun erga hayyu durummaatti dhufee kunoo waggaa 21 tahee jira.

Hoogganummaan oogummaa mataa isaa dandahe qaba.Dandeettiin hoogganaa injifannoo inni galmeesseen madaalama.Hoogganaan tokko fakkeenya gaarii tahuu qaba. Amanamummaa qabaachuu, fageessee yaaduu, mul’ataa fi dandeettii  qabaachuu feesisa. Hordoftoota baayyinaa fi aynaan guddifachaa adeemuutu irraa eegama. Hoogganaa cimaan namoota fakkeessitoota isa jala adeeman utuu hin taane namoota bor hooggana tahuuf gahumma qaban jala jalaan horachaa fi qaraa adeema. Daawud Ibsaa hoogummaa fi dandeettii akkanaa hin qabu, fedhii isaas hin qabu.

Kaayyoon masakaa ABO Hoogganni dhaabaa hooggana nam tokkee utuu hin taane hooggana waloo tahuu heera dhaabichaa keessatti ragga’ee jira.Eenyuyyuu haa tahuu nam tokkeen dhaabaaf ajajama.Murni bicuu murtii murna wayyabaaf abboomama.Murtiin sagalee wayyabaan darbe tokko hoogganaa fi miseensa hunda biratti kabajamuu qaba, ol aantummaan seeraa kabajamuun dirqama.

Daawud Ibsaa garuu hooggana waloo kennuu osoo hin taane fedhii fi dantaa dhuunfaa tarkaanfachiisuun waggoota 21 oliif gubbee ABO irra taa’ee qancarse.Yaadaa fi falasamaan utuu hin taane umurii isa guutuu jeequmsa ofumaaf uumee olola fi balaaleffannaa qofaan jiraate. Olola rakasa, maqa balleessii fi oduu sobaan qabsaawotaa fi hooggana dhaabaa of biratti jibbuirratti  oofee oofsisuu amalaa fi hojii dhaabbataataasifate. Kun hundi ABO baay’inaa fi aynaan xiqqeessee qabsoo bilisummaa Oromoo quucarse. Hir’inoota kanneen keessatti hogganni ol aanoon amma dura turan cal’isanii ilaaluun bira darbuu isaaniitiif akka walootti  kan itti gaafataman tahus Daawud Ibsaa dantaa fi fedhii dhuunfaaf bololuun Adda Bilisummaa Oromoo hedduu miidhe jennee amanna. Akka hoogganaatti osoo hin taane akka Mootii (Nugusaatti) of ilaaluu, namoota gandaa fi fedhii dhuunfaaf jecha isatti marsan qofa dhaggeeffachuumalee yaada nama biraa hin fudhatu, har’as kanumatuqabatamaan mul’ata. Namooti gandaa fi dantaa bubuutuun sobaman kijibaan akka kormaatti isa moosisuuf shira dalaganisjijjiiramni dhaaba keessatti akka hin dhufne gufuu tahan.

Nam-tokkeen hanguma aangoo irra bubbuleen malaammaltummaa siyaasaa fi qabeenyaa keessa akka seenus ifaa dha. Daawud Ibsaa bara dheeraaf maallaqaa fi qabeenyaa dhaabaa dhuunfaa isaan itti ajajaa bahe, ittis gargaarameera, ittis gargaaramaa jira. Jireenya Misensotaa fi hooggana dhaabaa irraa adda tahe jireenya sadoo fi qananii jiraataa bahe.Qabsaawota gandaan qooduufi namoota kaayyoo hin qabne dantaan sossobuun umurii aangoo isaatii dheereffachuuf itti gargaarame.Akka kanaan seeraa fi sirna dhaabaan deemuun hafee sirni abbaa irrummaa nam tokkee dagaage.

Daawud Ibsaa waggaa 21f HD tahee bu’aa inni buuse maal jennee yoo gaafanne bara inni aangoo fudhate irraa kaasee ABOn cacaccabee  karaa hundaa gad deeme malee ol hin guddnne. Gadaa Daawud Ibsaa  keessattti hooggana wiirtuu (core leaders) ABO fi caasaan isaa diigame. Hooggana waloo kan jedhu waraqaa irra malee lafa irra hin jiru.   Miseensoti jajjaboo fi hayyuu tahan, kan barnoota qaban wal duraa duuba dhaaba kana keessaa kan bahan hogganummaa Daawud Ibsaatti quufa dhabuu irraa ti.Har’a ABO humni namaa baratee fi muxannoo gahaa qabsoo keessatti horatan muraasa.Daawud Ibsaa tartiibaa ala Caasaa irra tarkaanfatee akka miseensi gadii qondaala isaa oliif hin ajajamne taasisuun waa hunda ofitti hidhee hojii qabsoo takaale.Caasaa dhoksaa kan hoogganni waloon hin beekne dhaaba keessatti diriirsuun miseensota qoqqooduu fi malaaammaltummaan umurii aangoo ofii dheeraffachuuf hojjechaa bahe, har’as kanumatti jira.

Caasaa jaarmayaa biyya keessaa hoogganni biraa akka keessa hin seenne taasifamee guutummaatti Daawudii fi namoota ganda isaa qofa harka ture.Hedduun isaaharka tika Wayyaanee ture jechuutu dandahama.  Namoota inni ijaaru ilmaan ganda isaatii warra tika Wayyaanee keessa hojjetan Geetaachoo Asaffaa faa waliin hidhata qabaachaa turan dha. Kanaaf ragaa qabatamaan fira isaa kan tahe Girmaa Xurunaa miseensotaa fi deggertoota dhaabaa mana hidhaatti guursisaa bahe dha.  Dhimmi Girmaa Xurunaa qaama dhaabaan qoratamee qabatamaatti tika wayyaanee tahuu isaa mirkanaa’u iyyuu Daawud Ibsaa itti baha qorannoo sanaa hin fudhanne. Inumaahuu koree qondaalotaa fi hoogganoota dhaabaa irraa tolfamee dhimma kana qorate irratti ibsa baasuun moggeessuuf tattaafate.

Gama hojii waraananis bara hoogganummaa Daawud Ibsaa milkiin argame hin hin turre. Hojiin dhimma waraanaa qorannoo, karoora, marii fi beekumsa hoogganootaABO malee yeroo gargaraatti geggeeffamaa ture gaaga’ama gurguddaa dhaqqabsiise.Dogoggoraa fi badii sababa kanaan taheef takkayyuu itti hin gaafatamne.As irratti wanni hubatamuu qabu tibba Daawud Ibsa HDummaatti dhufe irraa eegalee teessoon hooggana ABOAsmaraa, Ertiraa taasifamuun Daawud Ibsaaballeessaa hojjetu hundaafakka hin gafatamne aanjaa kan uumeef yeroo tahu, tarsiimoo qabsoo ABOn Eritraa irraa geggeeffamuus qabsoo ABO irratti dhiibbaauume qaba.

Addi Bilisummaa Oromoo waggoota 27f biyyoota alaa erga tureen booda tarsiimoo qabsoo karaa nagaa filatee murteeffatee walii galtee mootummaa Itiyoophiyaa waliin taasiseen Hagayya bara 2018 biyyatti deebi’uun ni yaadatama. Biyyatti oggaa deebi’u dhaaba gaafas Oromiyaa bulchu OPDO dabalatee dhaabota Oromoo kaan wajjin dantaa Oromoo fi Oromiyaa tiksuu irratti waliin hojjechuufis  murteeffatee biyyatti gale. Ummatni Oromoo roga biyyattii hundairraa bahee ABO simachuun qabsoo karaa nagaa filachuu isaa mul’ise maleemaaliif qabsoo hidhannoo lagatanii galtan hin jenne.

Related stories   ስለ አሃዳዊነት ስብከትና ፕሮፓጋንዳ ማንን እንመን? የሃዋሳን ሕዝብ ወይስ አጨብጫቢዎችን ?

Haa tahu malee dhaabni WBO Eritrea mooraa leenjii keessa ture  oggaa biyyatti galchu ajajaa WBO ol aanaa(Commander in-chief) kan ture Daawud Ibsaa waraanabiyyakeessa sosso’aa ture galchuuf jalqabuma irraa fedhii hin agarsiifne.Gama motummaanis rakkoon jiru akka jirutti taheekaraa Daawud Ibsaa ejjennaa ifaan hin turre.“Eenyutu eenyuun hiikkachiisa” jechuun ibsa inni media irratti kenneen dogoggora inni dubbate hariiroo mootummaa fi ABO deebisee booressuu qofa utuu hin taane uummata biratti guungummii dhalchuun isaa ni yaadatama.

Daawud Ibsaa Finfinnee taa’ee qabsoo hidhannoo hoogganuuf gocha seeraa fi murtii dhaabaa alaharka lafa jalaan inni itti turee fi jiru, madda waldhabbii hooggana keessatti dhalatee keessaa isa guddaa fi angafa.Sochiin Daawud Ibsaa fi garee inni tolfateen taasifamu irraaqaawwaa uumameenMootummaanwalumaa galaABO  irratti tarkaanfii akka fudhatu karaa bane. Murtii Koreen Hojii Raawwachiiftuu dabarsite moggaatti dhiifamee waan takkaa addunyaa irratti tahee hin beekne waraana caasaa dhaabaa ture uummata Oromoo fi abbootii Gadaatti kenne jechuun labsiin inni labse waan hin fakkaannee fi hojii irra ooluu hin dandenye tahuu caaalaa murtii hooggana waloo kan faallesse ture. Tokkummaa dhaabaa tiksuuf jecha cal’ifame malee labsi sun murtii KHR akka hin turre carraa kanaan hubachiisuu barbaadna.

Kun osoo kanaan jiruu hogganoota dhaabaa ol aanookeessaa garii HDn bobbaase WBOtti makamuu fi lola filachuu labsachuun isaanii, miseensaa fi hoganootni garii bilbilaan waraana quunnamuu yaaluu fi kkf naamusa qabsoo karaa nagaa balleessee dhaaba kana hedduu gaaga’e. Miseensotaa fi deggertooti dhaabaa biyya alaa jiran gariin qabsoo hidhannoo malee kan nu baasu hin jiru jechuun guyyuu media miidiyaa hawaasaa fi tv akka ONN irratti bahanii kanisaan dubbatan hojii dhaabaa seeraan hojjetamu irratti gufuu guddaa tahe.   Miseensaa fi hooggana garii leelliftoota qabsoo hidhannoo kaan immoo warra qabsoo karaa nagaa barbaadan, warra mootummaa wajjin hojjetan jechuun maqaa balleessaa, ofiif dirree qabsoo osoo hin deemne garuu magaalaa keessa tahaniiqabsaawotaa fi goota hiriyaa hin qabne of fakkeessanii dhaaba keessatti yaadaan qoodamiinsa uumuuf baayyee ololan.Kunis hooggana keessatti garaagarummaa uumee kanneen tarsiimoo qabsoo karaa nagaa akka dhaabaatti murteeffannee biyyatti deebine hojiiirra oolchuuf tattaafatneabaaruu fi irratti ololuu hojii guyya guyyaa taasifatan.Seeraa fi naamusa dhaabaan alatti garee adda addaa maqaa gara garaanmoggaafamaniin  miidiyaa fi FB irratti ololli hoogganoota dhaabaa biro irratti oofamu fi facaafamu kan daangaa hin qabne miseensaa fi deggeraa ABO afanfajjeessuu yaalan.

Biyyatti deebi’uu ABOn wal qabatee hogganooti garii hiree uummata keessatti deebihuu argametti  gargaaramneecaasaa fi hooggana  dhaabaahaaromsuu fi wayyeessuuqabna kan jedhu yeroo yaada dhiheessanDaawud Ibsaa biratti fudhatama hin arganne. Akka kanaan sababa adda addaa uumuudhaan Korri Sabaa sirnaa akka hin adeemsifamne taasifame.Gaaffiin namoota miseensota biyya keessa turan keessaa kanneen gahummaaa qaban haaraa hoogganatti haa fillu jedhu didamee hoogganuma ture akka jirutti haa eebbifnu/raggaafnu jedhame.Har’as Daawud Ibsaa korri Sabaa sirnaa ABO Mudde bara 2020tti beellamamee jiru akkahin milkoofneef tahe jedhee  dhaaaba kessatti  jeequmsa uumuun faallaa seeraa fi sirna dhaabaa deemaa jira. Korri dhaabaa kan barbaachisuuf tarsiimoo fi tooftaa jaarmayaan sun hordofu, hoggansa,sagantaa siyaasaa fi heera irratti marii bal’aa taasisee  haala yeroo keessa jiramuu wajjin akka wal fudhatuu fi qabsoo fuula dura tarkaanfachiisuuf haaromsa barbaachisu gochuuf. Jaarmayaan siyaasaa tokko haalaa fi yeroo keessatti of gurmeessee, of haaromsee, tarsiimoo fi tooftaa isaa gilgaalee hin deemu yoo tahe qancaree suuta suuta du’a.

Dhimmi biraa jaarmootni siyaasaa Oromoo (sadarkaa hunda jechuun danda’amutti) kanneen ABO turani dha jechuutu danda’ama.Akeekni wal dura isaan dhaabu akka hin jirres hubatamaa dha. Waan taheef aanjaa uumamee jiruun garaa garummaa xixiqqaa gidduu isaanii jiru furatanii gaaddisa tokko jalatti walitti qabamuun mooraa qabsoo Oromoo gabbisuu kan jedhu imaammata ABO dhaabbataa dha. Gaaffiin ummata keenyaas tokkummaa uumadhaa kan jedhu dha. Gaaffii kana deebisuuf  tattaafatni godhamus Daawud Ibsaa fi namooti muraasi fedhii dhabuu fi kophaa adeemuu filachuu irraa milkaa’uu hin daandeenye. Dhimma kana ilaalchisee murtii waloo hooggana dhaabaan dabarfame  fashalsuu fi faallessuun olola facaasuun gamtaa fi tokkummaan dhaabota Oromoo waliini akka hin milkoofne taasifame. Akka kanaan mooraan qabsoo bilisummaa Oromoo akka hin ititnee fi hin sabatne taasifame.

Har’a dhageettii, kabajaa fi fudhatamni ABOn ummata Oromoo biratti qabu bakka durii akka hin jirre ifaa dha.Kanaaf sababni hoogganni dhaabichaa laafaa fi dadhabaa tahuu irraa ti.Qabsoo  uummatni ofitti fudhatee geggeessaa ture, geggeessaas jira.Uummati Oromoo kaayyoo, maqaa fi alaabaa dhaabichaa jala hiriiree qabsaa’e malee ol aantummaanam-tokkee eerga lagateebubbuleera.Kanaaf Koreen Hojii Raawwachiiftuu Adda Bilisummaa Oromoo gamaaggama kanaa olitti taasise irratti hundaawuun ejjennaa fi murtiilee kanatti aanan fudhatee jira.

1.Daawud Ibsaa baroota 21 oliif hayyu durummaa irra ture keessa gaaga’amaa fi diigumsa dhaaba kana irraan geessisetti dabalee yeroo ammaas Adda Bilisummaa Oromoo keessatti seeraa fi naamusa  dhaabaa ala olola oofuun shororkaa fi diigumsa dhalchee yeroo 4ffaaf dhaabicha foxxoqsuutti jira. Waan taheef dhimmi isaa qoratamee hanga Korri Sabaa itti aanu taa’utti  Koreen Hojii Raawwachiiftuu  ABO Hagayya 7 bara 2020 (ALH Hagayya 1, 2012) darbe  gaafatamaa fi hojii irraa dhaabuu isaa miseensotaa fi deggertoota dhaabaa akkasumas uummata Oromoof ifagochuu barbaada. Daawud Ibsaa guyyuu sirnaa fi caasaa dhaabaa ala caasaa mataa ofii tolfachaa akka jiru hubachiisaa uummati keenya gochaa diiggaa ABO facaasuuf itti jiramu kana dura akka dhaabbatu dhaamsa dabarsina.Caasaa nam-tokkeen  diriirfataa jiru kun kaayyoo masakaa ABO, seera,  heera fi imaammata dhaabaan faallaa waan taheef dura dhaabbanna.

  1. Maallaqaa fi qabeenyi dhaabaa kan waloo ykn kan miseensota hundaa ti malee kan nama dhuunfaa miti. Miseensoti dhaabaa beekuu fi to’atuufis mirga irratti qabu. Haa tahu malee waggaa lamaa as maddi galii dhaabaa eessa irraa ti, qabeenyi maaliif? eessatti? baafama kan jedhu hoggansi dhaabaa quba hin qabu. Sirni faayinaansii tolfamee sirnaan akka hojii irra hin oolfamnetu ifatti mul’ata.Qaamni to’atuuf mirga itti qabus dirqama isaa raawwachuu hin dandenye. Kanaaf dhimmi kun qoratamee miseensaa fi uummataaf ifa akka tahuuf irratti hojjenna.
  2. ABOn hogganummaa waloo maleekan nam-tokkeef bakka hin qabu. Danbiin bulmaataa ABOs kana gadi jabeessa. Haa tahu malee Daawud Ibsaa angoo seeraan hin qabne kan qabu fakkeessee dhuunfaan tarkaanfii inni fudhatee fi fudhachaa jiru kamuu seerawaa miti. KHR-ABO tarkaanfii seeraa alaa Daawud Ibsaa balaaleffachaaa kanneen isa waliin dhaabbatanii hojii diiggaatti bobba’an daandii qajeelaatti akka deebi’an gorsa.
  3. Koreen Hojii Raawwachiiftuu ABO tarsiimoo qabsoo karaa nagaa dhaabi murteeffatee biyyatti deebihee fi walii galtee mootummaa waliinii waggoota lama dura irra gahetti cichuu fi kabajuun ejjannoo isaa jabeeffatee kan itti fufu tahuu fi kanneen ejjannoo kanatti hin amannee fi hin kabajne dhaaba waliin deemuu kan hin dandeenye tahuu beeksisaa kanneen dogoggorfamanii karaa dogoggoraa fi hin baafne qabatanii jiran daandii sirriitti akka deebi’an yaadachiifna. Miseensoti Waraana Bilisummaa Oromoo dirree qabsoo hidhannoo irraa hin galin hafanis karaa nagaa mootummaa waliin haasa’anii gara qabsoo karaa seeraa fi nagaatti akka makaman waamicha  dabarsina.
  4. Haala ABO keessatti baatii tokkoon dura mul’ate kan inni nuttiagarsiise hoggana ol aanoo maqaa “gantuu” fi “diina”jedhu moggaasuu fi mootummaa ykn paartii biyya bulchutti maxxansanii ololaa rakasa oofuun akkuma baroota dheeraaf baratame ofiif qasbaa’aa dorgomaa hin qabne of fakkeessuufi.Ololli kun hundi shirri hojjatamaa turee fi jiru, sirni hojii babbadaan dhaaba keessattidagaage akka hin saaxilamneefhoogganoota haqa barbaadan uummata biratti maqaa xureessuun fudhatama dhabsiisanii sobaan injifachuuyaadamee akka tahe uummati keenya akka nuuf hubatu barbaadna.Maddi rakkoo fi burqaan ololaa dhaabaa fi hogganaa ABO keessaa Daawud Ibsaatahuu irra deebinee hubachiifna.Bara duraa waan hoogganni ABO ittiin beekamaa ture keessaa tokko hoogganni ABO dhugaa dubbata kn jedhu ture.Kanaaf ABO kanneen kijibaan siyaasaa shiraa oofan irraa bilisa taasisuun maqaa isaa duriitti deebisuuf kanneen dhaaba kana jaallattan hundi akka nu waliin hiriirtan waamicha goona.
Related stories   በኦሮሚያ አመጽ እንዳያገረሽ ተፈርቷል፤ በምህበራዊ ሚዲያዎች የሚለቀቁ የተጎጂዎች ምስል የዜጎችን ስሜት እያበላሸ ነው!!

6.Jabinni jaarmayaa tokkoo hojii qabsoo hojii dhaabbataa taasifachuun  hin madaalamu. Hoggana haala keessa jiru hubatee waliin deemuu danda’uu fi dhaaba fuula duratti tarkaanfachiisu maddisiisuu danda’uun murteessaa dha. Kun kan milkaa’uu danda’u Kora Sabaa hunda hirmaachisu, dimokraatawaa fi bakka bu’ummaa naannoolee Oromiyaa mara qabaatu geggeeffachuun taha. Waan taheef ABOn murtii Gumii Sabaa Bitootessa bara 2020 dabarse irratti hundaa’uun ji’oota muraasaa keessatti kana dhugoomsuuf sochii jalqabee jira. Kanaaf  miseensoti keenya golee Oromiyaa fi bakkoota biraa jirtan, sababa adda addaan kanaan dura dhaaba irraa fagaattan, moggeeffamtanii fi dagatamtan milkaa’ina kora kanaaf qooda isin irraa eegamu akka gumaachitan waamicha qabsoo isiniif dabarsina. Uummati Oromoo fi abbootiin qabeenyaa Oromoo qabeenyaa fi beekumsa qabdaniin akka nu gargaartan isin gaafanna.

  1. Qabsoo bilisummaa Oromoo sababa dhaaba keessaa fi alaa irraa maddeen laaaffate deebisanii jabeessuu fi tokummaa Oromoo itichuuf marii bal’aa murna hawaasaa Oromoo adda addaa, jaarmoota Oromoo, miseensota gameeyyii ABO kan turan hunda, matootii amantaa, hayyoota, Abbootii Gadaa fi kkf mari’achiisuun kallattii qabsiisuu dhaan QBO jabeessuun dhimma fardii ABOn irratti xiyyeeffatuu qabu dha jennee amanna. Dhimmi qaabsoo Oromoo kan jaarmayaa tokkoo qofa osoo hin taanee kan Oromoo hundaa ti. Abbaan qabsoo uummata Oromoo ti.Ummatni keenyas kana hubatuun qabsoo karaa nagaa jabeessuu fi mooraa qabsoo bilisummaa gabbisuuf walii galtee biyyoolessaa Oromoo irra gahuuf tattaafata itti jiramu jalaa akka owwaattan waamicha dabarsina.
  2. Qabsoo bilisummaa Oromoo waggoota dheeraa lakkoobsise keessatti ummatootaa fi jaarmoota siyaasaa sabootaa fi sab lammoota biroowaliin tumsaa fi firummaa ummachuun yaalameera. Firummaa fi waahelummaan qabsoos kan dantaa Oromoo hin tuqne kabajaa fi wal qixxummaa irratti hundaa’e bu’ura godhata. Tooftaaf jedhamee waahelummaan uumamu furmaata bu’uraa hin argamsiisu. Keessaahuu TPLF ummata Oromoo fi qabsaawota Oromoo irraan miidhaa ol aanaa geessisaa tureef dhiifama gaafatee hanga murtii ummata Oromoon fudhatama argatutti hariiroo gosa kamiituu jaarmaya kana waliin kan hin uummanne tahuu irra deebinee beeksisa. Daawud Ibsaa, murtii fi beekamtii hooggana dhaabaa ala waggaa darbe wamicha TPLF jalaa owwaachuun ergamaa ofii walgahii  Maqaleetti dhoksaan ergachuun isaa gochaa seeraa alaa tahuu daballee hubachifna. Akka ummataatti garuu ummata Oromoo fi ummata Tigraay gidduu hariiroon jiru hariiroo tarsiimoo fi  obbolummaatahuu ejjennoo keenya ibsaa, kun imaammata ABOn uummatoota ollaa Oromoo hundaaf qabu tahuu gadi jabeessinee hubachiifna.
  3. Dhuma irratti KHR-ABO balaa dhaabatti as adeemaa jiru irraa dandamachiisuu fi hanqina qabu sirreessuuf kan qabsaa’u tahuu hubachiisaa Boordiin Filannoo Biyyoolessaa Itiyoophiyaa quunnamtii fi sochii seera dhaabaa fi seera paartii biyyoolessaaala Daawud Ibsaakara Boordichaan taasisaa jiru eeggannoon akka ilaalu yaadachiifna. Qabeenyaa fi maallaqa dhaabaa sirnaa ala itti inni dhimma bahaa turee fi gara dabarfamaa jiruskka seera paartii biyyattitti Boordichi Audit ofii ramadee akka qorachiisu gaafanna. Kanuma waliin maqaa HD ABO jedhuu fi chaappaa harka isaa jirutti dhimma bahuun quunamtii adda addaa Daawud Ibsaa qaamota adda addaa waliin taasisuuftattaafatu fudhatama kan hin qane tahuu fi bakka kamitti iyyuu dhaaba bakka bu’uu akka hin dandeenye qaamota dhimmi ilaalu hunda irra deebinee beeksifna.

Adda Bilisummaa Oromoo

Fulbaana  8 bara 2012

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *