“Our true nationality is mankind.”H.G.

Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii ejjennoo naannoo Tigraay ilaalchisee qabu roga gaariitti jijjiireera

Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii ejjennoo dogongoraa naannoo Tigraay ilaalchisee qabu roga gaariitti jijjiiruu Ministeerri Dhimma Alaa beeksisee.
Dhaabbatichi haala qabatamaa naannoo Tigraay ilaalchisee ibsa baaseen ejjennoo naannicha ilaalchisee kan dura qabu roga gaariin jijjiiruu ibsuu isaa Ministeerri Dhimma Alaa himeera.
Dubbii Himaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Diinaa Muftiin hojiilee gurguddoo manni hojichaa torbee kana keessa raawwate ifoomsaniiru.
Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii haala qabatamaa naannoo Tigraay ilaalchisee ibsa baaseen birmadummaa fi bilisummaa Itiyoophiyaa kan kabaju ta’uu fi haqa lafarra jiru kan muul’iseedha jedhan.
Hidha Guddicha Haaromsa Itiyoophiyaa, Filannoo marsaa 6ffaa, haala naannoo Tigraayii fi dhimmoota biyyaalessaarratti hawaasa Diyaaspooraa waliin marii bal’aan gaggeeffamuu himaniiru.
Akka EBCn gabaaseetti,
hojii dippiloomaasii lammiileerratti xiyyeefate hojjetameen lammiileen Itiyoophiyaa 600 ol gara biyyaa deebi’uu ibsa isaaniin eeraniiru.

Share and Enjoy !

0Shares
0
0Shares
0