“Our true nationality is mankind.”H.G.

Erga jijjiirraan Birrii haaraa eegalamee akkaawuntiiwwan haaraan miiliyoona 2 banamuun

– mallaqani birrii biiliyoona 100fi biiliyoona 26 gara baankittii galii ta’uu Bankiin Biyyaalessaa beeksise.
Baankichi jijjiirraan noottii Birrii karaa bu’aa qabeessa ta’een xummuramuu hordofee sagantaa galateeffannaa taasiseera.
Bulchaan Baankiin Biyyaalessaa Dr. Yinnaagar Dassee hanga ammaatti Noottiin Birrii haaraa biiliyoonni 200fi Biliyoonni 62 ol hmaxxanfamuu himuun kana keessaa birriin biiliyoona 100fi biiliyoona 85 baankotaaf rabsamuu himaniiru.
Sababa jijjiiraa mallaqaa kanaanis namoonnii miiliyoona 2 akkaawuuntii haaraa banachuu , mallaqani birrii biiliyoona 100fi biliyoona 26 gara Baankii Biyyaalessaa galii ta’uu himaniiru.
Akkasumas jijjiirraan mallaaqichaa taasifamuun namoota karaa seeraan alaa hojjetaan dadhaabsiisuu himaniiru.
Jijjiirraan nootii mallaqaa naannoo Tigraayitti rakkoo muudatee dandamachuun karaa bu’a qabeessan raawwatamuu himaniiru.
Hojiin kun akka milkaa’uuf waajjirrii Ministeera Muummee,Ministeera Raayyaa Ittisaa Biyyaa,Ministeera Mallaqa,Komishiinii Poolisii Federaalaa,Tajaajila Tika-Nageenyaafi Odeeffannoo Biyyaaleessaafi Dhaabbilee Naannooleefi bulchiinsa magaalootaa gahee isaan bahaataaniif beekamtiin kennamuu himameera.
Mootummaan mallaaqaa haaraa kana jijjiirsiisuuf birrii biiliyoona 3.7 ol baasii taasisuus Baankiin biyyaaleessa beeksiseera.
Via – OBN Oromiffa

Share and Enjoy !

0Shares
0
0Shares
0